Obbo lammaa magarsaa irratti shira haaraatu hojjatamaa jira

Obbo Lammaa Magarsaa irratti shira haaraatu hojjatamaa jira; inni caldhifnaan ofis Oromoos miidha

Akkan madda qabatamaa irraa dhagayetti kaleessa Lammaan Bilxiginnaa fudhachuuf waliif hin galle. Wanti tahe jaarsolii biyyaa walitti qabanii itti geessanii itti waywaachisan. Innis tole jedhee isaan waliin haasa’uu eegale. Waan badiifi dogongora jettu himi jedhaniin. Tarreessee himate. Warri PP waan ati jette hunda ni furra, Saganataa siyaasaafi caaseffamas waliin mari’annee sirreessina jedhanii waadaa galan. Yeroo kana jaarsoliin Lammaatti booyan. Lammaanis tole mari’annee sirreessuuf nan yaala jedhee waadaa gale.
kan ta’e kanuma. Garuu warri PP akka waan Lammaan Bilxiginnaa fudhateetti gabaasan. Wanti kana godhaniif 1) diddaa miseensaafi ummata irraa isaan gahe jalaa hafuura baafachuuf 2) Lammaa xawalwaallee fakkeessanii ummataan jibbisiisuufi.

Qabxiin lammataa tun xiyyeeffannoo barbaaddi. Lammaan PP ejjannoo cimaan keessaan mormee ummatattis himee amma deebi’ee yoo fudhate ummata keessatti ni shakkama. Sagatanaafi adeemsa Bilxiginnaa sirreessuu ammoo hin danda’u. Sagantaafi caaseffamni irratti waliigalame jedhamee boordii filannoo galee jira. Achii baasanii sirreessuuf yeroon filannoo waan dabruuf hin danda’amu. Fedhiin ilaalcha Lammaa fi sabboonummaa Oromoo hammachuus ooftota Bilxiginnaa bira hin jiru. Kanaafuu Lammaan yoo ejjannoo ofii jijjiree Bilxiginnaa ofiif fudhate malee Bilxiginnaa jijiiruuf hiree hin qabu. Yaada ofii jijjiree seenaan ammoo xawalwaallee jedhamee tuffatama, jibbama. Duula kan itti banu warruma Bilxiginnaati.

Kanaafuu Lammaan kabajaa mataa isaa jarri xiqqeessee ofitti isa qixxeessuu barbaadu tikfachuu fi kaayyoo qabsoo amanameef sanis dhugoomsuuf jecha saffisaan bahee ejjannoo isaa akkuma gaafa VOAtti bahee mormii dhageessisee san ammas ibsuun barbaachisaadha.

Aliwwa oromoo sadan

ALIIWWAN OROMOO SADAN
Ras Alii Warra Ejjuu 1819-1866
Mootii warra Ejjuu kan haadha isaa Giiftii Manan waliin Ejju irra dabree Abiisiiniyaa bulchaa turee dha. Ifatti amantii Kiristaanaa fudhateera jedhama, iccitiidhaan garuu Musliima jedhamee hamatama ture. Haatahu malee warri Abiisiiniyaa zamana bulchiinsa isaa fi kan Alii isaan dura turee beekkamtii dhowwatanii ‘Zemene Mesafint (Era of Lords)’ jedhanii moggaasan. Giddu galeessa bara 1850ootaa keessa kan ka’e Tewodroos bulchiinsa warra Alii cabsee Alii fi haadha isaas booji’ee salphise.
Iyyaasuu Mohammed Alii – 1913 -1916
Ilma mooticha Walloo Mohammad Alii kan booda kiristaanummaa fudhatee Mikaa’eel jedhameeti. Haati Iyyaasuu intala Miniliki. Minilik ilma dhiraa waan hin qabneef bara dhuma jireenya isaa keessa nama siree isaa dhaalchisu waan dhabeef akka seeraatti Iyyaasuu ilma intala isaaf dhaalchisuuf dirqame. Iyyaasuu Alii joollummaa isaa irraa qabee eega siree dhaalee booda amantiilee Kirstaanaa fi Islaamaa walitti dhiheessuuf hojjechuu eegale. Siree dhaaluun Iyyaasuu Alii kan durattuu yaaddoo jaratti tahee ture Amaarri Shawaa Iyyaasuu waan ittiin rukutanii karaa irraa maqsan argatan. ‘Amantii masaraa keenyaa jijjiiree kan warra isaa duriitti deebi’e, naamusa dhabe…’ jechuun waan baay’ee itti maxxasanii taphaa ala godhaniin. Durattuu akkamitti aangoon hidda keenya keessaa baha jechuun lolaa turan waan taheef Iyyaasuu dhiibanii, abbaa isaa kan Wallo irraa waraana bobbaasee birmateef dirree lolaa Sagalee irratti dhahan. Booda Raas Tafarii (Hayla Sillaasee) muudan. Iyyaasuu ALii cubbuu jaraatiin ajjeefamee karaatti hafe.
Abiyyi Ahmad Alii 1976 –
Zamana Oromoon wal quba qabuu fi waliin qabsoo mirga isaa godhu keessa ol ka’e. Hiree gaarii argate kanati fayyadamuun aangoo siyaaasaa Itoophiyaa qabate. Bara jireenya isaa keessatti mootummaa Tigree EPRDF jedhamu keessatti waan dabarseef muuxannoo achi keessatti kuufate qaba. Wayta warraaqsi ummata Oromoo sirna EPRDF buqqisuutti dhihaatu innii fi gareen isaa warraaqsa ummataatti makaman. Ebla 2, bara 2018 Muummicha Ministeeraa Itoophiyaa tahuun moggaafame. Milkoomina isaaf qabsoon Qeerroon Oromoo godhe sababa guddaa ture. Akkasuma Abiyyi Alii sadarkaa kanaan gahuu irratti tarsiimoon jaala isaa Lammaa Magarsaa kan yeroo sanatti bulchaa Oromiyaa turee haalaan murteessaa akka tahe hayyoonni seenaa irratti walii galu. Abiyyi Alii maatii Musiimaa fi Kirstaana tahan keessaa waan dhalateef hariiroo hawaasota lamaanii jabeessuuf hojii milkaawaa akka hojjetetti beekama. Seenaa isaa keessatti hoggana Oromoo yeroo duraaf huccuu aadaa Oromoo masaraa mootummaa Itoophiyaa Shaggar seensise tahuun beekama. Seenaan Abiyyi Alii bifa kanaan eegale eessatti akka dhaabbatu seenaatu gara fuulduraaf barreessa.
Aliiwwan sadan wantoota wal fakkeessan:
Sadanuu maatii Alii jedhamu keessaa bahan. Sadanuu warra sirna mootoma gonfoo (monarchy) shaakaluu ture keessaa dhalatan. Sadanuu amantii lamaan (Islaamaa fi Kiristaana) walitti dhiheessanii laalu, hundaan walii galu. Sadanuu amantiidhaan Kiristaana yoo tahaniyyuu maatii Musliima irraa dhalachuu fi wal qixxummaa amantiif cichuu isaaniif qofa Habashoota biratti shakkamoo fi jibbamoo dha. Sadanuu warra aangoo mootummaa Itoophiyaa qabachuuf Oromoo keessaa carraan isaan daaw’attee dha. Sadanuu Oromoo waan tahaniif warra hidda Kaabaa harkaa haangoo fudhachuu fi biyyattii walitti qabanii bulchuun laaftuu itti hin taane. Alii inni boodarraa kufaatii Aliiwwan duraa lamaan irraa barumsa fudhachuu danda’a. Raas Alii fi Iyyaasuu Mohammed Alii Oromoo saba isaanii birmachiifachuu waan hanqataniif harka alagaatiin dhahaman. Barri isaan jiraatan sunis saniif rakkisaa ture. Abiyyi Ahmad Alii yoo itti fayyadame carraa guddaa qaba. Bara sabni isaa dammaqiinsaa fi tokkummaa jabaa qabu keessa ka’e waan taheef haala saba isaa hin mufachiifnetti sochoonaan seenaa Oromoo biyyattii sana keessatti barreessee darba. Yoo hunda gammachiisuuf rakkachuutti saba sadarkaa kanaan isa gahe xiyyeeffannoo dhorkate garuu fagoo deemuu hin danda’u.

Ilma abbaa gadaati qeeqamuu hin qabu warra jedhu

Ilma Abbaa Gadaati Qeeqamuu Hin Qabu Warra Jedhu Saniif Deebii Gabaaba Qaba.

Dr. Abiy Ahmad ilma Oromooti. Kun dhugaadha. Eennullee haaluu hin dandayu. Oromummaa isaatin namni isa qeeqes hin jiru. Garuu haadhan Amaara. Kun dagatamuu hin qabu. Nu sanis qeeqaa hin jirru. Kan qeeqaa jirru ilaalcha fi Hammeenya isaati. Ilaalcha gaafa jennu, Ilaalcha Farra Oromummaa fi Ilaalcha Farra Sabboonummaa inni qabuudha.

Hammeenya gaafa jennummoo, Yaalii ajjechaa Hayyuu Oromoo Jawaar Muhammad irratti rawwaaterraa eegala, Warra Aangoo ofii dabarsee isaaf kenne Obbo Lammaa Magarsaa, Adde Tayyibaa Hasan fi k.k.f akka Rirmaatti nyaatee balleessuu isaa dabalata, Siidaa Haylasillaasee Gamtaa Afrikaatti akka ijaaramuuf shoora olaana taphachuu isaa hammata, Siidaa Minilik isa Birbirsa Gooroo jiru karaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetin halluu dibee babbareechuu, kan san hunda caalu Masaraa Mootummaa keessatti Siidaa Haylasillaasefi Minilik Doolara Miliyeenan Lakkahamuun Gogaa waggaa hedduuf turuun tolfatuus qabata. Kana jechuun Yakka Duguuggaa Sanyii Minilikif Haylasillaasen ummata biyya sanii irratti rawwaatan deeggaruu agarsiisa. Hammeenyi kanaa olii hin jiru. Inni biraammoo Gaafii Oromoon waggaa 140f wareegama itti kaffalaa ture awwaludha.

Hammeenyi namticha kanaa lakkahamee hin dhumu. Hammeenya kana osoo ijaan agarru akka waan hin arginiitti callisaa, innuu Oromoodha ilma abbaa gadaati warri nuun jedhan immoo Kaadrota PP warra dantaa garaa ofii malee dantaan ummata bal’aa hin yaaddessine.

Kaadreewwan PP dhageettuu? Ilma Abbaa Gadaati mitii Abbaa Gadaayyuu maa hin taane haqa ummataa jallifnaan ni qeeqama. Innu Oromoodha, nu yoo qeeqne alagaaf hulaa banna waan jedhu sanis dhiisaa. Goobanni Daacee, Fitawraarii Abbaa Malaa HabtaGorgis Dingdee fi Tukee Maammoo fa’as Oromoodha, Haylasillaasenuu Oromoo akka tayetu himama. Oromummaan dhaloota qofa osoo hin taane Ilaacha Oromummaa qabaachus dabalata. Biyyaaf Yaaduu Sabaaf Yaadus Hammata, Qajeeltoo Falaasama Sabichaa Gadaa beekanii ittiin masakamuu gaafata. Wal gorsanii wal qajeelchun qarummaadha. Badii irrattimmoo wal deeggaruun doofummaadha. Barreeffama isinitti dheeressuu kootif dhiifama.

Guyyaa Gaarii Qabaadhaa. Bunaaf Nagaa hin dhabinaa

Siyaasni oromoo

Siyaasni Oromoo harka ‘elite’ keessaa ba’ee erga siyaasa uummataa ta’ee bubbulee jira, baroonni lakkaa’amaniiru. Mootummaan Itiyoophiyaa dhufee darbus paartiiwwan siyaasaa fi jaarmiyaalee Oromoo hunkuteessee daaraatti erga dabalaniin booda quufuu dadhabanii uummata bal’aa hiraaraa kan ba’aniif kanaafi. Uummatichatu ofuma isaa gama danda’u hundaan qabsaa’aa ta’e. Keessumatti Waxabajjii 1992 irraa kaasee ABO rukutamuu irraan kanka’e Oromoota siviilii, jaarsaa fi daa’imman dabalatee namoonni meeqa harka mootummaatiin akka miidhaman Oromiyaan halakkooftu (Isa kanaaf namni dhimmi kun oduu durii ykn jette jettee itti fakkaatu yoo jiraate gabaasa bara sana irraa kaasee wagga waggaadhaan ‘Oromia Support Group (OSG’) ragaa waliin maxxansee baasaa ture dubbisuu danda’a. Lakkoofsa Oromoota siviilii mootummaan sababa funaanee ajjeesaa ba’e ida’amasaa yoo ilaaltan nama rifaasisa. Warri miidhama kana irraa hafanis biyya keessaa fi ala tamsa’anii jiru). Kana kaasuunkoo hinbeektani jedhee miti, dhimma biraafan adeema. Keessumatti waggoota shanan darban keessa uummatni Oromoo bakka hooggansi biyyoolessaa tokkollee hinjirretti ofuma isaan abbaa qabsoo ta’ee akkamitti akka injifannoo gonfate agarree jirra. Abbaan qabsoo Oromoo uummatichuma mataa isaati. Hubadhaa, hooggansi hinbarbaachisu jedhaa hinjiru. Uummanni dhamaatii ofii isaatiin getii baasee waan fide garuu dagatamuu hinqabu. Abbaan qabsoo Oromoo uummata Oromoo matuma isaati.

Keessumatti bara kana uummatichumatu ‘politician’ ta’ee jira, isa kana immoo adeemsuma qabsoo Oromootu dhale. Kun siyaasa Oromoo bara ammaa kana keessaa isa guddaa fi qabsoo saboota biroo irraa kan adda isa taasisudha. Har’a dhugaan kun dagatamaa jira. Diinnis firris waluma qixa waan dagate fakkaata. Keessumatti mootummaan yaa’ii addaggee Abiy Ahmediin durfamu tasumaa kana dagatee jira. ‘Elite’ Oromoo yoon qabadhe, yoon sossobe ykn yoon sodaachise uummatichi calliseetuma jala deema jedhee yaada. Kan isaan kanaa yaada alii waan ta’eef nama hinbyaaddessu ta’a. Uummatichi akkamitti akka isa ilaalu irra deddeebi’ee agarsiisee jira, dubbateera. Abiy garuu Oromoo baay’ee tuffattee jirti. Sababiin tuffii kanaas waanuman dubbataa jiru kanadha. Obbo Lammaa dugda keessa waraanee humna waan dhowwaterf, hattoota OPDOs hannaa fi yakka isaan hojjetaniin sodaachisee mogolee buusee afaan waan qabsiiseef uummatichi homaa hinfidu jettee yaaddi. Isuma Habashaan gaaffii Oromoo kankaase ‘elite’ malee uummata Oromoo miti jettu sana jechuudha. Oromoo hinbeektu. ብልፅግናn (PP moo Piippii jedhan sun) Oromiyaa keessatti salphina uffataa jiraachuutu mul’ataa jira. Kaadireen OPDO osoo hinhafin namni hundi salphina itti uwwisaa jira. Inni kunis humna uummataa malee kan ‘elite’ akka hinta’in beekuun hinbadu.

Kan nama gaddisiisu ‘elite’n Oromoos, keessumattuu paartileen siyaasaa qooda uummatni Oromoo siyaasa keessatti qabu, bakka isaan hinjirretti humnaa fi ‘creativity’ ofiitiin shoora inni taphate, shoora mataa ofii taphachuu isaatiinis ‘politician’ ta’ee akka jiru badaa waan hubataa jiran hinfakkaatu. Akki isaan itti adeemuu barbaadanii fi wanti isaan fedhan hindinuu akkuma jirutti waan uummatichaaf liqimsamu se’u. Ililchee simatee badhaasee wayita inni geggeessus waanumti hundi ittitolee isaanitti fakkaata. Fakkeenyaaf, uummanni irra deddeebi’ee waan himataa jiru qaba, kan namni hundi beeku. Paartileen Oromoo warri dhugaan qabsaa’an bixxilamanii bakka kudhan taa’aanii gaafa argu uummatichi waan himate qaba. Hammatee jaalala itti agarsiisee, kaan farda badhaasee, kaan gaachanaa fi eeboo kenneefii, isa kaaniif immoo dombii guddaa hamma manaa ga’u tolchee irra teesisee akka mootummaatti ulfeessee ofittiqabee itti himate. Akkas jedheen, ana irraa dhalattanii bifakoo qabaadhaa, ana fakkaadhaa, dheerinni hojjaa fi bal’inni keessan hamma biyyakoo Oromiyaa habal’atu, Oromiyaa addaan hinciccinnee akka aannanii addaan hinciccitinaa, gabaabduu gad-tumee taatanii quucartanii dheerinakootti orma hinkofalchiisinaa, bal’inni garaa keessanii hindhiphatin, ulfina dhuunfaa lafa kaa’aa waa’ee Oromiyaa falaa, ana kabajaa kabaja ofitti horaa jedhee gorse. Paatileen kun asba’anii waliin dubbataa jirra jedhanii ololuu malee dhimma kana irratti homaa hojjechuu hindandeenye. Uummanni Oromoo tokko ta’aa jedhee waan iyyuuf beeka, hamma paartileen kun tilmaaman caalaa beeka. Bakka jarri kun hinjirretti qabsaa’aa ta’ee Wayyaanee wajjin kokkee walqabeera, bakka paartiin hooggansa kennu hinjirretti qabsaa’ee milkaa’eera. Isaan kanaanis gadtaa’aa, narraa usaa jechuus inuma danda’a. Paartleen Oromoo kun garuu uummaticha akkas isaan kabaje kana, kan utuu beekaa fi jabaa ta’er jiruu kabaja isaaniif useetuma jala deemaa jiru kana dhaga’aa hinjirani, nutu sicaalaa beekaa akka jechuu. Sadarkaan qabsoon Oromoo irra geessee jirtu akka uummatichi harka ‘elite’ keessatti burkutaa’u waan eeyyamuuf miti. Utuu dubbannuu dhimmi kun fakkeenya tokkittiidha, akka itti paartleen Oromoo fi uummatichi itti waljala darbaa jiran wantoonni agarsiisaa jiran hedduudha. Paartileen Oromoos ‘barcuma ulfinaa’ ofjala osoo baatanii bareedaadha. Yeroon garmalee fiigaa jira, diinotni Oromiyaa marti harka walqabatanii ititaa akka jiran argaa jirra. Teessannii salphina hin eeginaa, guyyaan itti hojii ija qabu hojjetan har’a, bor miti, utuu carraan jiruu. Carraan har’aa kun laayyootti hin uumamne, akka uumame kanatti waan ittifufu hinfakkaatu, isinis argaa jirtu. Waan uummatni jedhe hintuffatinaa.

Filannotti seenuun duratti waaye sirna

Filannootti seenuun duratti Waaye Sirna #filannoodhaa fi Akkaataa filannoo sirnaan beekuun barbaachisaadhaa.
!
©Dimokraasi filannoo kessatti sirna filannoo gurguddoo lamatu jira,yookaan akka addunyaatti beekkama.
1=Sirna sagalee caalmaa name_ tokkee naannoo filannootii fi
2=Sirna bakka bu’insa madaalawaa jedhamuun beekkamu.
1=Sirna sagalee caalmaa name_Tokkee Naanno filannoo(single member district plurality) kana jalatti biyyattiin akkaataa baay’ina ummataatin naanno filannoo(constituency) itti qoodamti.Naanno filannoo kan biyya keenyatti(mirca
a killil) kan jedhamu dha.Baay’inni ummataa kan biyya tokko qabaachuu danda’u biyya biyyatti garaa garaagarummaa qaba.Biyyattiin baay’ina ummataa wolqixaa ta’uu baatus gar gar qooduun naannoo filannoo hundessiti.Naannoon filannoo tokko ammoo nama tokko qofaan bakka buufamuun tessoo parlaamaa(mana mareetti )ergiti.dorgomtoonni Hedduun sagalee baay’ee argatan naannoo filannoo tokkotti yoo dorgomaniyyuu dorgomaan darbu nama tokko qofa.Dorgomaan 1ffaa darbu isa lammaffaa yoo saglee nama tokkonillee yoo mo’ate ,injifataa ta’e darba.kan gadi hafani hundumtuu kufanii hafu.Sirni kuun kan injifate hunduma argata.”(winners take the all) jechuun beekama. dorgomtonni sadi A,B,C ‘n sagalee Argatan A=35% ,B=34% fi C=31% yoo ta’en dorgoman A” kallattiin yoo Darby,B Fi C’n sagalee woliin Galaa kenname kessaa dhibbantaa 65(65%) qabatanii moo’amu jechuudha.Etiyophiyaan Woggoota 28 tiif sirna filannoo kana hordofaa Turte.Akkaataa kanaan Naannoollee filannoo biyyatti jiran kessaa injifattoonni argaman wolitti ida’amanii tessoo paarlaamaa (mana mares)dhibbantaa 50+ yoo argatan mo’attoota ta’uun motummaa hundeessu.
Biyyi keenya ADWUI jalatti filannoo sagalee caalmaa nam_tokke akkanaa hordofaa kan turtedha.hata’u garuu ademsi filannoo kun haala qabatama biyya keenyaatii wojjin kan adeemuu miti.addeemsa filannoo kanaatiin sagaleen kumni Hedduun gati male hafa.FKN buufata filannoo kanaatiin A,B,fi C”n tu jirani ha jennu.Firiin sagalee isaani A=6000,B=5,500,C=40000 yoo argatan akkaataa filannoo sagalee caalmaa nam_tokkeetiin buufata naannoo filannootii A ‘n sagalee nama 6000,tiin ummata Kuma 14,000 gatiin dhabsiisa jechuudha.Namoonni Kuma 14,000 sagantaa polisii A’tiin hin deeggaramne(morman)sagalee nama 6000 ‘tiin buluuf dirqamu.
Kanaafidha Sirni filannoo kanaa ilaalcha garaa garaa kessummessuu dhadhabuum haqa dhabessa kan ta’uuf.Adda addummaa hawaasaa(garee) garaa garaa sirna ballessuuf deemudha.Biyyi akka ethyphiya saboota Hedduun fedhiin garee isaanii akka eeggamu barbaadan kan wol_dhabdeen hidda godhate jiru kessatti sirna filannoo kanaa hordofuun mirga(fedhii)gareelee sarbuu ta’a.kanaafu adeemsi sirna filannoo ADWUI hordofaa Turte haala qabatamaa biyya keenyatti wojjin fudhatamummaa hin qabaatus! woyyaneen garuu (ADWUI sirna filannoo kana hojirra oolcha kan tureefi sirni filannoo kunis bakka Hawaasa sabootaa ,afaan,aadaa ,eenyummaa adda adda qaban kessatti gonkumaa sirna filannoo fudhatamummaa hin qabne dha.
2=Sirni filannoo bakka bu’insa madaalawaa “”
Sirni filannoo bakka bu’insa madaalawaa(piroportional representation) kun sirna paartileen siyaasaa filannoo kessatti akkaataa gahee isaanii tiin qaama biyyatti seera tumu kessatti bakka ittiin buufamanudha.Sirni kun sirna teessoo paarlaamaa(mana mares)dhibbantaa sagalee paartileen siyaasaa ykn dorgomtonni dhuunfaa argatanitti qoodamuufidha.Sirna filannoo bakka bu’iinsa kessatti paartiilee (A,B,fi C”) jiran ha jennu.Sagaleen ummata woliigalatti 10,000,000 ha jennu.A=4,500,00 ,B=3,500,000 fi C=2,000,000 yoo jenne ,Qoyyoba sirna filannoo bakka bu’insa madaalawaa paartileetiin paartileen kun hundumtuu akkaataa sagalee isaanii tiin tessoo paarlaamaa(mana maree)argatu.A=45%,B=35% fi C=20% dhibbantaa sagalee argatan kanaan tessoo paarlaamaa hirachuun aragatu jechuudha.
Wolumaa galatti hayyoonni adda Addaa yaada armaan gadii irratti hedduminaan woliif galu.
A=Biyya jiddu galessummaan itti dagaagee fi Hawaasa afaan,aadaa,duudhaa biyyoolessaa uummatte kessatti sirni filannoo mijataan sirna filannoo sagalee caalmaa nam_tokkee naannoo filannoo ta’uu qaba yoo jedhamu.
B=Hawaasa makaa hedduu(diversity) aadaa,afaan,duudhaaf sabuummaa(eenyummaa )adda adda qabu kessatti sirni barbaachisaa fi Dimokraasi filannoo kessatti sirni haqa qabessa Sirna filannoo bakka bu’insaatu furmaata jedhu.Bakka bu’iinsa Dhugaa Isa gita Hawaasa adda Addaa ,koorniyaa fi sabummaa (eenyummaa)hammachuun wol_dhabbii fi wol_shakkii hambisu sirna filannoo kanadha jedhu.
Sirni filannoo qabatama biyya keenyaaf barbaachisus (sirna filannoo Bakka bu’insa madaalawaa jedhamu kanadha)
Haala amma argaa jirrutti Biyya akka keenyaa sabootaaf sablammoonni garaa garaa jiran kana kessatti Sirna filannoo isa kamtu filatamaadha kan jedhu Hubachuuniif sirriitti beekuun akkan barbaachisaadha .Kanuma!
by Anuwar Teha

Partii badhadhina sadarka irra gahh

Paartin badhaadhinaa sadarkaa godinaatii hanga gandaatti akka ummanni fi miseensonni ODP durii fudhataniif leenjiftootaaf leenjin kennamee bobbaafamanis milkaahaa hin jiran
Ergaalen aanotaa hedduu irraa kallattii hundaan nu Qaqqabaa jiru …
“ Nuti kaayyof malee garaadhaf buluu erga dhiifnee bubbullee jirra. Kana yoo gochuu baannes kan walitti buunu qeerrodhaani. Qeerron eenyu akka ta’e warri “Badhaadhina” nutti erganis ni beeku. Wanta Lammaa magarsaatif hin galletu nuufis galuu dide. Lammaa wajjin waliif galaatii waan sirreeffamuu qabu sirreessaa nutti gadiin koottaa. Barri gubbaadhaa ajandaa nutti ergame fudhanne Qeerroo rasaasan ajjeesifnu darbeera. Amma bara ija bananne kanatti huccuu gurraachan ija nu hiitanii Naafxanyaatti nun gurgurtan. Qaamni olaanan paartii Bilxiginnaa yoo dhuguma dhuguma kaayyoo oromoof dhimmama ta’e barattoota oromoo naannoo amaaraatti akka hoolaa gorra’amaa jiraniif furmaata haa lamatu. Nuti qaama barattoota sanaati. Har’a yoo Bilxiginnaa fudhanne boru carraan ilma oromoo waanuma Yunivarsitiilee naannoo Amaaraa keessatti ta’aa jiruu kanadha.”
Kan jettu yoo ta’u ergaawwan ijoo keessaa cuunfinee isin biraan geenyetu kan armaan oliitti. Galtooma

Namonni tokko tokko

~ by Inj Ayele Degaga
Namoonni tokko tokko hubannoo dhabuu irraa kan
ka’e ykn ergama PiPi fudhatanii
Jawar_Mohammed dhuunfaan dorgomuu qaba ykn
ammoo paartii kan ofii dhaabuu qaba jedhu. Jawar
kana booda dhuunfaan beekumtii ykn aangoo
barbaada deema amantii jedhu hin qabnu. Paartii
dhaabuu osoo barbaadee waggaa tokko dura yeroo
Qeerroon isa gaafatu hundeessa ture. Hardha
paartiin Oromoo dhugaan hundaa’an hundi Jawaariif
jaalala malee hammeenya hin qaban. Jawar ofitti
qabuu malee ofirraa dhiibuu hin barbaadan. Jabaa
ofitti qabu malee akkamiin ofirraa dhiibu? Jawar
paartii tokko keessa galuun dirqama. Paartii tokko
keessa galuun paartii kuun dadhabbiisuu jechuu
mitii. Jawar paartii tokko keessa galuun jechuun
tokkummaan paartilee Oromoo akka sibiilaa akka
jabaatu sababa ta’a. Qindoominni (coalition)
paartilee akka dhugoomu fedhii guddaa kan qabu
Jawaariidha. GHO akka hundaa’uu gaheen Jawar
laayyoo miti. Jawar ammaan booda institution
Oromoo cimsuu fi ijaaruu malee ofii qofa beekamtii
argachuuf fiiguurra hin jiru. Jawar paartilee Oromoo
irraa fagaatee qofa akka socho’u fedhii eenyuu akka
ta’e ifaan ifatti beekna. Warri huccuu gatee
maraachuutti jiru yaaddoo fi sodaa maalii akka ta’e
ni beekna. Abbaan fedhe huccuu gatee haa maraatu
malee Jawar waan yaade hin dhiisu. Paartii Oromoo
tokko keessa ni gala. Tokkummaan paartilee
Oromoo akka lafa qabatu ni hojjeta. Qindoominni
(coalition) paartilee Oromoo ni dhugooma.
Oromoon sagalee isaatiin nama barbaade filatee
aangoo dhugaa ni argata. Biyya ofiirratti abbaa ni
ta’a!!

Dubbi pp obbo lammatu xumure

Dubbii PP obbo Lammaatu xumure. Dr. Abiy gubbaarraa gadi erguuf yaale. Garuu obbo Lammaan achumatti harkatti qabe. Amma obbo Lammaa bira gadi darbuu hin dandeenye. Ummatni obbo Lammaatti amaanaa kennate. Obbo Lammaan Dr. Abiy’tti amaanaa kenne. Dr. Abiy amaanaa isaa nyaachuu ammoo obbo Lammaan ifatti hime. Kana jechuun “amaanaa natti kennattan na harkaa nyaatee quba qabaadhaa” jechuudha. Gama biraatiin “PP’n deebii keessan deebisuuf hin deemu” jechuudha. Dubbiin asitti hudhamte. Amma akkamitti obbo Lammaa irra tarkaanfatanii Dr. Abiy amanan ree? Waa’een PP obbo Lammaaf galuu dhabee natti hin fakkaatu. Sirriitti galeef jedheen amana. Garuu waan Oromoo miidhu ta’uu hubate. Itti gaafatama seenaa jalaa bahuuf amma hime. Amaanaa ummataa nyaachuun isaaf hin danda’amne. Nama amaanaa nyaatuu waan hin ta’iniif ummatni isa amana jechuudha!
Ferhan Abdulselam

Yaa’ii Tplf

Yaa’ii har’a TPLF Maqaleetti geggeessite kana silaa Gaaddisa Hoggansa Oromootu Oromiyaa keessatti waamuu qaba ture. Yaalii godhanii mootummaadhaan dhorkamuunuunis waan tokko ture. Rakkoo bajataa yoo tahe hirmaattotni bakka irraa dhufaniin baasii isaanii of danda’anii hirmaachuu danda’u. Wayyaaneen kaleesa mirga sabaa fi sablammootaa irratti olaantummaa ofii labsitee bitaa baate har’as abbaan imaanaa federaalizimii sabdaneessaa ana malee hin jiru jettee yeroo ummata Maqaleetti waamtee harka dhoofsifattu arguun nama saalfachiisa, nama gubas.

Jara keenya, hanga dandeenyu wal gorsina. Siyaasaan caalanii argamuu dha. Dorgoommii ulfaataa fi murteessaa keessa seennee jirra. Haalli karaa hundaan mul’atu hundi xiiqiidhaan akka mimmixaa gubee taa’uuf ka’uu kan nama dhowwu dha. Har’as warruma kaleessa dabaree dabaree gateettii keenyarra turetu dhagahamaa jira. Mooraan keenya godoo ibiddi keessaa dhaame fakkaata. Amaaraanis Tigireedhaanis ni caalamna taanaan numa warra qabsootti jirra jennutu rakkoo qaba. Giddu galeessa biyyaatti siyaasaan masaraa harka Amaaraatiin naanneffamaa jira. Humna federaalizimiif ammoo Tigraaytu ana malee wabiin hin jiru jedha. Masaraa abaaruun qofti dukkana keessaa nun baasu. Guyyaa filmaataa qofa taa’anii eeguunis abshaalummaa miti. Warri halagaa amma irraa duula eegalee jira. Numa qofatu ciisaa jira. Haalli kun daddaffiitti jijjiiramee sagaleen Oromoo giddu galeessa biyyaa raasuu eegaluu qaba. Ofirra dabarree sablammoota akka hirkootti nu laalaniif abdii tahuu qabna.

Awel

Omar

Oromiyaa Badhaatuu Hundarraa

Seenaa ofii dagachuun of dagachuudha!

oromoo

Tokumaa

Wallo Tube

Walloo Biyya Bareedinaa

OCI finfinnee

OCI finfinnee

Create your website at WordPress.com
Get started
%d bloggers like this: